Yesuusii Fi Pheexroos
15 Diiranteeffatanee ka’aneeranuun duuba, Yesuus Simoon Pheexroosiin, «Simoonii ilma Yohaannisii21:15Woraabbiin durii gariin «Yoonaa» jedhan, worra kana caalaa na jaalattaa?» jedhe.
Inni, «Ee, Goottaa, akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedhee deebise.
Yesuus isaan, «Ilmoolee tiyya dheedisiisi21:15Dheedisiisi: Kunuunsi» jedhe.
19 Yesuus tana jedhiisaan, Pheexroos du’a attamii du’ee Waaqa akka ulfeessu’uuf jiru mudhise. Achiin duuba Yesuus, «Na hordofi!» isaan jedhe.