Pular para o conteúdo
Publicidade

Wongeela Yohaannisii 3

16 Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne. 17 Biyya lafaa karaa isaatiin akka fayyisuuf malee, akka itti muruuf Waaqi Ilma ifii gara biyya lafaa hin ergine.

18 «Ka Ilma isaatitti dhugeeffatutti hin murantu; ka isatti hin dhugeeffanne ammoo, waan inni Ilma Waaqaa tokkochatti hin dhugeeffatiniif, ammumaayyuu itti muranteerti. 19 Muraalleen kunoo tana: Ifi gara biyya lafaa dhufe, namooti ammoo hujiin isaanii hantuu waan teeteef, ifa caalaa dukkana jaalatane.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também