Yesuus Namicha Tokko Fayyise
1 Kanaan duuba, Yesuus jila worra Yihudootaatiif gara Yerusaalemii dhaqe. 2 Yerusaalem keessa karra hoolotaa bira haroon seensuma gaaddisa5:2Seensuma gaaddisa qabu: Soroo yookiin sissaabii qabu shan qaddu takka jirtiiyyu; afaan Hibrootaatiin «Betzataa» jedhanti5:2Woraabbiin durii gariin, «Betsayidaa» jedha. 3 Kolbaan hedduun dhibanteertu, ballooleen, naafole’ee fi worri nafa laashowe seensuma gaaddisa qabu san keessa irkatanee [tacho’iisa bisaanii eegatiisatti jiraniiyyu. 4 Ergamaan Waaqaa yennaa tokko tokko haroo keessa gad bu’ee bisaan tachoosa. Bisaan tacho’eeruun duuba nami dhibamaan dursee haroo keessa gad bu’e, dhukkuba isa qabeeru mara irraa hin fayyaayyu.]5:3-4Woraabbiin durii durii gariin yaada dalleya keessa jiru kana hin qabanu 5 Namichi woggaa soddomii saddeeti dhibamaa tureeru tokko achi jiraayyu. 6 Yesuus isaa achi irkatiisatti jiru dhaggee, yennaa hedduu akka inni akkas dhibamaa ture beekee, «Fayyuu barbaaddaa?» jedhee isa gaafate.
7 Namichi dhibamaan sun, «Gootta’a, bisaan yennaa tacho’u nama haroo keessa na buusu hin qabu; adoo ani seeniisaaf wodhaanuu, nami dhibiin anaan dura seena» jedhee deebise.
8 Yesuus, «Ka’i, itillee teeti fudhadhuu, deemi» jedheen. 9 Namichi yoosuma fayyee, itillee ifiille fudhatee deeme.
Guyyaan wonni sun teete sanbata.