21 Akkuma Abbaan worra du’ane kaasee jiruu isaanii kennu, akkasuma Ilmille ka ifii fedheef jiruu kenna. 22 Abbaan eennulle’etti hin muru, ammoo akka muruuf baallii guutuu Ilmaaf kenneera; 23 Nami martinuu akkuma abbaa ulfeessu Ilmalle akka ulfeessuuf inni tana godhe. Ka Ilma hin ulfeessine martinuu, Abbaa isa ergelle hin ulfeessu.
24 «Ani dhugaa isinitti hima; nami jecha kiyya dhage’u ka na ergelle’etti ka dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba; inni du’a irraa gara jiru’uu tareera; isatti hin murantu. 25 Ani dhugaa isinitti hima, yennaan worri du’ane qoonqoo Ilma Waaqaa dhage’anu dhufaarti; ammumaayyuu dhutteerti; worri isii dhage’u jiru’uun le’a. 26 Akkuma Abbaan madda jiru’uu te’e, Ilma ifiille madda jiru’uu akka te’u godheera. 27 Inni Ilma Namaa waan te’eef, muraa akka kennu, Abbaan baallii isaaf kenneera. 28 Waan kana hin masoonfatina’a; yennaan worri du’e marti qoonqoo isaa dhage’u hin dhutti; 29 awwaala ifii keessaalle’ee hin bayan; worri dansaa hujeeru jiruu dhaggatiisaaf ka’an; worri hantuu hujeeru akka itti murantuuf ka’an.
30 «Ani baallii tiyyaan womaa godhuu hin dande’u. Akkuma Abbaa kiyya irraa dhage’e mura; waan ka na erge fedhu qofa malee, waan ifii fedhu waan hin gooneef, muraan tiyya dhuga’a.
31 «Ani yoo waan kiyya dhugaa baye, dhugaa bayiisi kiyya akka dhuga’aatitti hin fudhatamu.