Pular para o conteúdo
Publicidade

João 6

44 Abbaan na erge yoo isa harkise6:44Yoo isa harkise: Akka gara kiyya dhufu yoo isa godhe malee, eennulle gara kiyya dhufiisa hin dande’u; anille guyyaa muumme’ee du’aa isa hin kaasa. 45 Raagoleen, Nami martinuu ka Waaqi barsiise hin te’ajedhanee barreessaneeran. Ka Abbaa dhage’uu fi ka isa irraa baratu marti gara kiyya dhufa. 46 Ka Waaqa biraa dhufe qofattuu Abbaa dhaggeera male, nami tokkolle Abbaa dhaggee hin jiru. 47 Ani dhugaa isinitti hima; nami dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba.

Veja também