Pular para o conteúdo
Publicidade

Wongeela Yohaannisii 9

Yesuus Namicha Ballaa Te’ee Dhalate Tokko Fayyise

1 Yesuus adoo ideemaa dabaruu, namicha ballaa te’ee dhalateeru tokko dhagge. 2 Barattooti isaa, «Barsiisa’a, akka namichi kun ballaa te’ee dhalatu ka cubbuu huje eennu? Isuma mo’o worra isaa ti?» jedhanee isa gaafatane. 3 Yesuus deebisee, «Inni yookiin worri isaa cubbuu hin hunye. Hujiin Waaqaa isa irratti akka mudhattuuf, inni ballaa te’e. 4 Adoo guyya’aatuu, hujii ka ana ergee hujuu qanna; halkan nami tokkolle itti hujiisa hin dandeenne hin dhufa. 5 Ani biyya lafaa keessa haga jiru, ifa biyya lafaa ti» isaaniin jedhe. 6 Yesuus tana jedheen duuba, lafatti tufee hancufaan dhoqqeesse; dhoqqee san ila namichaatitti dibee, 7 «Dhaqiitii haroo Siilo’aamiititti dhiqadhu» jedhe; «Siilo’aam» jechuun ka ergame jechu’u. Maarre namichi dhaqee, dhiqatee, dhaggaa deebi’ee dhufe.

8 Ollooti isaatii fi kolbaan tanaan dura isaa kadhatuun dhaggiteertu, «Namichi kun ka tee’ee kadhatuu motii?» jedhanee gaafatane.

9 Gariin, «Isuma» jedhane; ka dhibiin ammoo, «Waawwo’o, isa fakkaata malee, isaa moti» jedhane.

Namichi ammoo, «Ani isuma» jedhe. 10 Isaan, «Ilti teeti attamiin banante ree?» jedhanee isa gaafatane. 11 Inni deebisee, «Namicha Yesuus jedhamutti biyyee dhoqqeessee, ila tiyyatti dibee, akka ani gara haroo Siilo’aamii dhaqee dhiqadhu natti hime. Maarre anille dhaqee dhiqadhee, dhagguu dande’e» jedhe.

12 Isaan, «Inni amma eessa jira?» jedhanee isa gaafatane. Inni deebisee, «Ani hin beeku» jedhe.

Veja também