Nama Faara Dhowuu Fi Faara
1 Jechi Mootii Waan Maraa ka gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru: 2 «Ka’iitii, gara mana nama faara dhowuu gad bu’i; ani achitti ergaa tiyya sitti hima» jedhe. 3 Maarre ani gara mana nama faara dhowuu gad bu’ee, inni korboo ifii ta dhaka’aa irratti faara dhowuun dhagge. 4 Okkoteen inni faara irraa dhowu sun ammoo harka isaatitti badde; maarre inni faaruma san akka isaaf toltetti deebisee okkotee dhibii huje.
5 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 6 «Ee, kolbaa Israa’elii! Akkuma nami Faara dhowu kun huju, anille isin hujuu hin dande’uu ree? Akkuma faarri harka nama faara dhowuu keessa jiru, isinille harka kiyya keessa jirtan.