Publicidade

Jeremias 47

Ergaa Marroo Biyya Filisxeemotaa

1 Mootiin Gibxi'ii Fara'oon qachaa Gaaza'aa lolee adoo hin injifatiniin dura marroo Filisxeemotaa ergaan Mootii Waan Maraa ta gara Ermiyaasii dhutte ta asii gad jirtu: 2 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, karaa Kaabaatiin bisaan guutee dhufiisatti jira:

«Lolaa jabaa hin te'a;

lafa sanii fi waan achi keessa jiru mara

qacha'aa fi waan qachaa keessa jiru mara hin golla.

Kolbaan qoonqoo ol qabattee hin iyyiti;

namooti lafa irra le'anu marti wiiccifatanee hin bowan.

3 Sababa hididdeettii kottee fardo'ootii fi

garreettaa diinaa,

sababa kokokkeessa korbo'ootiif,

abbootiin hunna waan dadhadduuf,

ijoollee ifii qarqaariisaaf duubatti hin deebitu.

4 Filisxeemota mara balleessiisaaf,

worra hafee isaan qarqaaru mara,

Xiiroosii fi Sidoon keessaa

guyyaan ani isaan balleessu dhikaateera;

worra Filisxeemotaa ka hafane,

ka dur oddoola Kaftoriitii dhufane,

ani balleessiisaaf ka'eera.

5 Kolbaan qachaa Gaaza'aa gaddanee mataa ifii hin haadatan;

kolbaan qachaa Ashiqalonii hin dhumatti.

Isin worri dhooqa keessatti baraaree hattane

haga yoomii gadditanee nafa ifi mummurtan?

6 «Isin, ‹Ee shallaagaa Mootii Waan Maraa!

Ati yoom foorfatta?

Gonofaa keetitti deebi'iitii

cadhi jedhii tee'i› jedhaa hin iyyitan.

7 Ani Mootiin Waan Maraa shallaagaa kiyya

qachaa Ashiqaloniitii fi

worra qarqara abbaaya'aa akka loltuuf eega ajaje,

attam foorfata ree?» jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-