Ehud Israa’eloota Rakkinna jalaa Baase
12 Israa’elooti ammalle Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujje; waan kanaaf Mootiin Waan Maraa mootiin Mo’aabii Egloon akka Israa’eloota injifatu hunna kenneef. 13 Egloon mootota Amoonotaatii fi Amaaleqootaa ede’atee, Israa’eloota lolee, qachaa meexxi’ii3:13 Qachaa meexxi’ii: Qachaan kun Yeriko’o. qabate. 14 Israa’elooti mootii Mo’aabii Egloon woggaa kudhanii saddeeti tajaajilane.
15 Yennaa Israa’elooti gara Mootii Waan Maraa iyyane; innille nama isaan bilisa baasu, sanyii Beniyaaminii keessaa ilma Gera’aa Ehud ka harka bitaachaa isaan qarqaaruuf kaase. Israa’elooti mootii Mo’aabii Eglooniif akka gibira geessu isa ergane. 16 Ehud shallaagaa ciqilee tokko dheeratu, ka gara lamaaniinuu qara qabu tunsiifatee, woyaa ifii jalaan tafa middaatitti hidhate. 17 Achiin duuba inni gibira san mootii Mo’aabii namicha guddoo furdaa te’e, Eglooniif geesse. 18 Ehud gibira kenneen duuba, worri gibira ba’atee dhaqe, gara mana ifii akka deebi’anu godhe. 19 Inni ifii ammoo, dhakaa ijaarsaaf qotanee baasane, ka Giilgal biraa yennaa geye duubatti deebi’ee, gara mootii Egloonii dhaqee, isaan, «Ee mootii! Ani ergaa dhossa’aa ta sitti himu qaba» jedhe; mootichille, «Cadhisa’a» jedhe.
Achiin duuba tajaajiltooti isaa marti isa biraa gad bayane.
20 Egloon kolloo ifii ta mana gubba’aa ta qilleensa qaddu keessa qofuu tee’eeruun, Ehud isa bira dhaqee, «Ergaa Waaqa biraa sii dhutte qaba» jedheen. Mootichille ol ka’ee dhaabbatte. 21 Ehud shallaagaa ifii tafa middaa irraa harka bitaachaan buqqifatee, gadhaa mootichaa hordee woraane. 22 Addeen qabata shallaaga’aalle adoo hin hafin gadhaa keessa seenee, qacceen shallaaga’aa dudda duubaan fullaate; moorri namichaa shallaagaa waan golleef, Ehud shallaagaa gadhaa namichaa keessaa hin buqqinne. 23 Achiin duuba Ehud kolloo mootichaa ka mana irraa keessaa gad bayee, duubaan balbala itti cufee danqare. 24 Ehud mana keessaa bayee deemeen duuba, tajaajiltooti isaa dhufanee balbalti kolloo mootichaa ta mana irraa cufanteertuun yennaa dhaggane, mootichi faalowa irra waan jiru seyane. 25 Isaan haga eeganee dadhabanutti3:25 Dadhabanutti: Yookiin hifatanutt. eegane; ammoo inni balbala banuu dhannaan, furtuu fuudhanee balbala banane. Achitti goottaan isaanii du’ee lafa irra irkateeruun dhaggane.
26 Tajaajiltooti mootichaa balbala banamiisa adoo eeganuu, Ehud isaan irraa fagaatee deeme. Inni dhakaa ijaarsaaf qotanee baasanu san irra taree, gara Se’iira’aa miliqe. 27 Inni yennaa achi geye, biyya koobittii Efreemiititti tultullaa3:27 Tultullaa: Yookiin faaggaa jedhama. afuufe; kolbaan Israa’eliille inni isaaniin dura deemuun, isa woliin gaara irraa gad buute. 28 Inni isaaniin, «Mootiin Waan Maraa diinota keessan worra Mo’aabii harka keessanitti dabarsee waan kenneef na hordofa’a» jedhe. Tanaaf isaan isa gula gad bu’anee, malkaa laga Yordaanosii ta gara Mo’aabii gamatti bayanu qabatanee, nami tokkolle achiin akka hin dabarre dhooggane. 29 Yennaa san loltoota jajjabaa fi hunnaameyyii Mo’aabii keessaa, gara kuma kudhanii ijjeesane; nami isaan jalaa miliqe tokkolle hin jiru. 30 Israa’elooti gaafa san worra Mo’aabii injifatte; latti sunille woggaa saddeettama nageya dhaggatte.