4 Yennaa san Deboraan raagittiin haati manaa Laphiidotii, kolbaa Israa’eliitiif haadha mura’aa ti. 5 Isiin biyya koobotii Efreemii keessa, qachaa Raama’aatii fi Bet’elii odduu meexxii Debora’aa jala teettee muraa kenniti; kolbaan Israa’eliille muraa dhaggatiisaaf gara isi’ii dhaxxiiyyu. 6 Gaafa tokko Deboraan qachaa Qedeeshii ka Naftaalem keessaatitti ilma Abiino’aamii Baaraaqitti nama ergitee waansittee, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa’elii, ‹Dhaqiitii sanyii Niftaalemiitii fi Zebuloonii keessaa namoota kuma kudhan gara gaara Taaborii geessi. 7 Siiseraan ajajaan loltoota Yaabiinii, garreettaa sibiilaa ka fardaan harkifamuu fi loltoota ifii woliin laga Kiishoniititti si loliisaaf gara keeti akka dhufu hin godha; harka keetille’etti dabarsee isa hin kenna› jedhee si ajajeera» jetteen.
8 Achiin duuba Baaraaqi isi’iin, «Yoo ati na woliin dhaxxe anille hin dhaqa; yoo ati na woliin hin dhaqin ammoo anille hin dhaqu» jedhe.
9 Isiille deebittee, «Teetuu ti; ani si woliin hin deema; ammoo Mootiin Waan Maraa Siiseraa harka dubarti’iititti dabarsee waan kennuuf, karaa ati yaaddu kanaan ulfinni si’iif hin te’u» jette. Achiin duuba Deboraan Baaraaqi woliin Qedeesh dhaxxe.