Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 1

11 Ergamaan Waaqaa addee hixaanni itti aarfamu gara middaatiin dhaabbatee Zakaariyaasitti mudhate. 12 Zakaariyaas yennaa isa dhagge rifatee sodaate. 13 Ergantichi Waaqaa ammoo, «Zakaariyaas hin sodaatin! Waaqi daadimata keeti dhage’eera; niitiin teeti Elsaabeex ilma si’iif hin deetti; maqaa isaalle Yohaannis jettee baatta. 14 Yennaa inni dhalate ati guddoo hin gammadda; kolbaan hedduulle guddoo gammaddi. 15 Inni fuula Gootta’aa duratti guddaa hin te’a; daadhii woyni’ii yookiin untoo macheessitu ijjumaa hin unu; gadaamessa haadha ifiitii jalqabee Ayyaana Woyyichaan hin guutama. 16 Kolbaa Israa’elii hedduu gara Waaqa Goottaa isaanii hin deebisa. 17 Akkuma Eliyaasii raagichaa Ayyaanaa fi hunna qabaatee, yaada abbooti’iitii fi ijoolle’ee tokko tolchiisaaf, kolbaa hin ajajanne gara yaada balchoole’eetitti deebisiisaaf, kolbaalle Gootta’aaf qopheessiisaaf Gootta’aan dura hin ideema» isaan jedhe.

Veja também