13 Ergantichi Waaqaa ammoo, «Zakaariyaas hin sodaatin! Waaqi daadimata keeti dhage'eera; niitiin teeti Elsaabeex ilma si'iif hin deetti; maqaa isaalle Yohaannis jettee baatta. 14 Yennaa inni dhalate ati guddoo hin gammadda; kolbaan hedduulle guddoo gammaddi. 15 Inni fuula Gootta'aa duratti guddaa hin te'a; daadhii woyni'ii yookiin untoo macheessitu ijjumaa hin unu; gadaamessa haadha ifiitii jalqabee Ayyaana Woyyichaan hin guutama.
Publicidade
Publicidade