Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 1

Dhalooti Yesuusii Duraanuu Himame

26 Elsaabeex ulfoottee ji’a jayeesso’ootitti Waaqi erganticha Gabri’eel gara qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu, 27 gara durra duuddu’uu ta Maariyaam jedhantuu takka erge. Isiin nama Yoseef jedhamu ka sanyii Mooticha Daawitii keessaa dhalate tokkoof kadhatanteerti. 28 Ergantichi Waaqaa gara isi’ii dhufee, «Ati ta guddoo badhaateertu; nageenni si’iif te’u; Goottaan si woliin jira!» isi’iin jedhe.

29 Maariyaamiin dubbii erganticha Waaqaa mantee «Kun nageya attamiiti?» jettee yaadatte. 30 Ergantichi Waaqaa isi’iin, «Maariyaam, hin sodaatin! Waaqi si badhaaseera. 31 Ati ulfoottee ilma hin deetta; maqaa isaalle Yesuus jettaan. 32 Inni guddaa hin te’a, Ilma Waaqa Ol Aana’aalle hin jedhama. Goottaan Waaqi akkuma abbaa isaa Daawitii isa hin mootonsa. 33 Inni kolbaa Israa’eliitiif haga bara baraa mootii hin te’a, mootummaan isaalle dhuma hin qaddu» jedhe.

34 Maariyaam erganticha Waaqaatiin, «Ani durra duuddu’u; tun attam te’iisaa dandeetti?» jette.

35 Ergantichi Waaqaalle deebisee, «Ayyaanni Woyyichi si’itti hin dhufa, hunni Waaqa Ol Aana’aalle si irratti hin buuti. Tanaaf daa’inni woyyichi dhalatu Ilma Waaqaa hin jedhama. 36 Firri teeti Elsaabeex ta maseente jedhante, guddoo dulloontulle, amma ammoo isiinuu ulfoottee kun ji’a jayeesso’oo ti. 37 Waaqaaf wonni hin dande’anne hin jirtu» jedhe. 38 Maarre Maariyaam, «Ani tajaajiltuu Gootta’aa ti. Akkuma ati jette naaf teetuutii!» jette. Achiin duuba ergantichi Waaqaa isii biraa deeme.

Veja também