Mammaassa Namicha Samaariya’aa
25 Beekaan seera Muuse’ee tokko Yesuus waan jedhu ilaaliisaaf ol ka’ee, «Barsiisa’a, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf maan godhuu na barbaachisa?» jedhe.10:25-28 Mat. 22:35-40; Mar. 12:28-34 26 Yesuus deebisee, «Seera Muuse’ee keessatti maanti barreeffameera? Attamitti dubbittee hiitta?» jedhe. 27 Namichille, «Goottaa Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti’iin, hunna teeti takkatti’iin, qalbii teeti takkatti’iin jaaladhu; akkuma ifi jaalattu ollaa keetille jaaladhu» jedhe.
28 Yesuus, «Sirri’itti deebiteerta; yoo tana goote jiruu bara baraa hin dhaggatta» jedhe.
29 Beekkichi Seera Muuse’ee ammoo akka waan nama balchaa te’ee ifi mudhisiisa barbaadee, «Ollaan kiyya kam inni?» jedhee gaafate.
30 Yesuus deebisee, «Nami tokko Yerusaalemii gara Yeriko’oo adoo gad deemuu worri nama saamu isa lolee, waan inni qabu mara irraa mulqee, dikee, lubbuu qofa keessatti lakkisee biraa deeme. 31 Hayyuun tokko karaa san adoo dabaruu, yennaa namicha dhagge ammoo, irraa goree dabare. 32 Nami gosa Lewwi’ii tokkolle karuma san achi dhufee, yennaa namicha dhagge, irraa goree dabare. 33 Nami Samaariya’aa tokko ammoo, ka karaa san deemu irra dhufee, yennaa isa dhagge nayeef. 34 Itti hiiqee, madaa isaatitti zayiti’ii fi daadhii woyni’ii naqee hidheef; achiin duuba geejjiba ifii gubbaa teessisee, gara mana keessummaan bultuu isa geessee, achitti qarqaare. 35 Guyyaa itti aanu dinaara lama fuudhee namicha mana keessumma’aa eegutti kennee, ‹Ittiin qarqaar; yennaa karaa kana deebi’u, kana caalaalle yoo baatteef, si’iif hin kenna› jedheen» jedhe. 36 Achiin duuba Yesuus, «Jara sadiin kana keessaa, akka ollaa tokkootitti namicha jara nama saantu afaan bu’e san ka qarqaare kam sitti fakkaata?» jedheen. 37 Beekaan Seera Muuse’ee, «Ka marareef» jedhee deebise.
Yesuus isaan, «Atille dhaqii, akkasuma tolchi» jedhe.