Publicidade

Lucas 13

Yesuus Guyyaa Sanbataa Dubartii Gugguutte Fayyise

10 Yesuus Guyyaa Sanbataa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisiisatti jiraayyu. 11 Dubartiin woggaa kudhanii saddeeti ayyaanni hamaan gugguussiseeru takkalle achi jirtiiyyu. Isiin akka malee gugguuttee qajeeltee dhaabbatuu hin dandeenne. 12 Yesuus yennaa isii dhagge gara ifii isii waamee, «Dubarti’i, ati dhibee teeti irraa fayyiteerta» jedhe. 13 Harka ifiille isii irra keyee, isiin yennuma san qajeeltee dhaabbattee Waaqa galateeffatte. 14 Sooressi mana Waaqonfannaa Yihudootaa waan Yesuus guyyaa Sanbataatiin fayyiseef aaree, kolba’aan, «Guyyooti huji’ii jaan jiran. Maarre guyyoota san kowa’aatii fayyifama’a malee, guyyaa Sanbataatiinii moti» jedhe. 15 Goottaan deebisee, «Isin kijiboole’e, isin keessaa guyyaa Sanbataatiin qotiyyoo yookiin harree addee hidha’aatii hiikee geessee ka bisaan hin obaanne eennu? 16 Amma dubartiin sanyii Abrahaamii teetu tun, ta woggaa kudhanii saddeeti Seexanaan hidhantee turte, guyyaa Sanbataatiin hiikamu’uu hin mallee ree?» jedheen. 17 Dubbii tana yennaa inni dubbate, worri isa mormu mara qaanowe; kolbaan ammoo kancira inni huje maratti gammadde.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-