Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 17

Yesuus Nama Kudhan Fayyise

11 Yesuus adoo Yerusaalem dhaquu, meessaa Samaariya’aatii fi Galiila’aatiin dabare. 12 Adoo inni gara ollaa tokkoo seeniisatti jiruu, namooti kudhan ka dhukkuba goga’aa farrisiisa’aan dhibamaneeranu tokko itti dhufane. Isaan fagoo dhaabbatanee, 13 qoonqoo guddo’oon, «Yesuus! Gootta’a! Nuu nayi!» jedhaneen. 14 Yesuus yennaa isaan dhagge, isaaniin, «Dhaqa’aatii hayyootatti ifi mudhisa’a!» jedhe. Isaan adoo dhaqiisatti jiranuu fayyane. 15 Isaan keessaa tokkochi akka fayye yennaa dhagge, qoonqoo guddo’oon Waaqa galateessaa, deebi’ee dhufe. 16 Miila Yesuusiititti jigee isa galateeffate; inni nama Samaariya’aa ti. 17 Yesuus, «Namooti kudhanuu fayyanee motii? Nami sagali meet ree? 18 Namicha orma kana malee, nami Waaqa galateeffatiisaaf deebi’e hin jiruu?» jedhee gaafate. 19 Achiin duuba Yesuus namichaan, «Ol ka’ii deemi; dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedhe.

Veja também