Mammaassa Fariisaayichaatii Fi Namicha Qaraxa Guuruu
9 Yesuus namoota garii ka balchoolee ifi seyanee, worra kaan tuffatanutti, mammaakee: 10 «Nami lamaan daadimatiisaaf gara Galma Waaqaa dhaqe: tokkochi Fariisaayicha, kuun namicha qaraxa guuru. 11 Fariisaayichi qofuu dhaabbatee, ‹Waaqa, ani akka worra dhibi’ii: saantuu, jallaamessa, gaarayyeeffataa, yookiin keessattuu akka namicha qaraxa guuru kanaa, waan te’uu dhabeef si galateeffadha. 12 Torbaan keessatti yennaa lamaan laama; waan dhaggadhu mara keessalle’ee kudhan keessaa tokko si’iif kenna› jedhee daadimate. 13 Namichi qaraxa guuru sun ammoo, fagaatee dhaabbatee, gara ol-gubba’aalle adoo hin ilaalin, qoma dhodhowataa, ‹Waaqa, na cubbicha marari!› jedhe. 14 Ani isinitti hima, Fariisaayicha saniin irra namichi qaraxa guuru kun Waaqa duratti balchoomee gara mana ifii deeme. Nami ifi guddisu hin diqqaata, nami ifi diqqeessu hin guddata» jedhe.