Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 19

Yesuusii Fi Zakkewoos

1 Yesuus Yerikoo dhaqee keessa dabare. 2 Namichi Zakkewoos jedhamu tokko achi jiraayyu. Inni mootii worra qaraxa guuruutii fi nama dureessa. 3 Yesuus kam akka te’e beekiisaaf barbaadee, hojjaan isaa ammoo gabaadduu waan teeteef, gumiin waan heddatteef Yesuus dhaggiisaaf hin dandeenne. 4 Yesuus karaa saniin waan dabaraaruuf, isa dhaggiisaaf jedhee gumi’iin dura fiigee qilxaa tokko yaabe. 5 Yesuus addee san yennaa geye, ol ilaalee, «Zakkewoos, adha mana keeti ooluun waan naa maleef, dafii gad bu’i» jedheen. 6 Maarre inni dafee gad bu’ee gammadaan Yesuus fudhate. 7 Worri kana dhagge maraa, «Inni keessummumma’aaf mana cubbichaa dhaqe» jedhee gungume.

8 Zakkewoos ol ka’ee dhaabbatee Gootta’aan, «Gootta’a! Ani wol qixxee karra tiyyaa hiyyeeyyi’iif hin qooda, eennulle irraa sobee yoo wo fudhadhee jiraadhe, harka afur hin deebisaaf» jedhe.

9 Yesuus isaan, «Namichi kunille ilma Abrahaamii waan te’eef, adha fayyinni mana kanaaf dhufeera. 10 Ilmi Namaa ka bade barbaadee fayyisiisaaf dhufeera» jedhe.

Veja também