33 Addee «Buqqii Mata’aa» jedhantu yennaa geyane, achitti Yesuus fannisane; yakkaameyyiille tokkocha midda isaatitti, kaan bitaa isaatitti fannisane. 34 Yesuus ammoo, «Abba’a, isaan waan godhiisatti jiranu waan hin beenneef, isaaniif araarami!» jedhe. Isaan carraa buufatiisaan woyaa isaa qoodamane. 35 Kolbaan achi dhaabbattee ilaaliisatti jirtiiyyu; bulchitootille itti taphatanee, «Inni worra dhibii fayyiseera; Masiihii Waaqi filate yoo te’e ifi fayyisuu ti!» jedhane. 36 Loltootille itti taphatanee, daadhii woyni’ii dhangaggoottuu isaaf kennanee, 37 «Ati mootii Yihudootaa yoo teete, ifi fayyisi!» jedhane. 38 Barreeffam, «Kun Mootii Yihudootaa ti» jedhu mataa isaatiin gubbaa jiraayyu. 39 Yakkaameyyii achitti fannifamane keessaa tokkochi, «Ati Masiihii motii? Ifi fayyisi, nulle fayyisi!» jedhee isa arrasse. 40 Yakkaamessi kuun ammoo, «Atille akkuma namicha kanaa muraa fudhatteerta, Waaqumalle hin sodaattuu ree?» jedhee isa xixe. 41 Achiin duuba, «Nuuti waan hunyeef waan dhaggatiisaaf malle waan dhaggataarruuf, dhuguma nutti murame; inni ammoo womaa hin yakkine!» jedheen. 42 Achiin duuba Yesuusiin, «Yesuus, mootummaa teetiin yennaa dhuttu na qaabadhu!» jedhe.
43 Yesuus deebisee, «Dhugumaan ani sitti hima, adhuma na woliin addee gammadaa keessa hin jiraatta» jedheen.