Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 8

Yesuus Bubbee Cadhisiise

22 Gaafa tokko Yesuus barattoota ifii woliin hoboloo yaabee isaaniin, «Ka’aa gara abbaaya’aan gamaa buunaa» jedhe. Maarre isaan deemiisaaf ka’ane. 23 Adoo isaan hobolo’oon bu’iisatti jiranuu, Yesuus rafe. Dedhuma bubbeen gara abbaaya’aa gad bubbittee, hoboloon bisaaniin guutamiisa jalqaddee jennaan, buutoo hantuu afaan bu’ane. 24 Barattooti gara Yesuusii dhaqanee dammassanee, «Barsiisaa, barsiisaa! Kunoo dhumataarra!» jedhaneen.

Inni dammaqee bubbe’ee fi danbalii xixe; bubbe’ee fi danbaliin bisaaniille cadhisanee, cadheessi guddaan te’e. 25 Achiin duuba inni barattootaan, «Dhugeeffannaan teessan meet?» jedheen.

Isaan ammoo sodaatanee baaseffatanee, wol woliin, «Nami kun eennu? Inni bubbe’ee fi danbalii hin ajaja, isaanille isaaf hin ajajaman!» jedhane.

Veja também