Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 8

27 Akkuma Yesuus qarqara bisaaniititti bu’een, namichi qachaa sanii, ka durriisaan qabameeru tokko itti dhufe. Namichi kun yennaa hedduu woyaa hin uffatu, manalle hin le’u, ammoo yennaa hedduu goda awwaalaa keessa le’a. 28 Inni yennaa Yesuus dhagge, miila isaa duratti jigee, guddisee iyyee, «Ee Yesuus, Ilma Waaqa Ol Aana’aa! Maan na irraa qadda? Ani si kadhadhaa, na hin rakkisin!» jedhe. 29 Waan Yesuus akka ayyaanni hamaan namicha keessaa bayu ajajeeruuf, inni akkana jedhe. Yennaa hedduu ayyaanni hamaan waan itti ka’uuf, wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa eegamulle, hidhaa san kukkutaa, hunna ayyaana hama’aatiin gara goomole’ee oofamaa ture. 30 Yesuus, «Maqaan keeti eennu?» jedhee isa gaafannaan, durriisoti bacaan waan itti galaneeranuuf, inni deebisee, «Maqaan kiyya duula» jedhe. 31 Durriisoti gara bowwaa qile’ee akka isaan hin ergine Yesuus kadhatane. 32 Roga gooroo sanii gubbaa, booyyoti hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu. Maarre durriisoti gara booyyotaa akka galanuuf, Yesuus akka eeyyamu kadhatane; innille isaaniif eeyyame. 33 Durriisoti namicha keessaa bayanee booyyotatti galane. Booyyoti sun martinuu roga qile’ee irraa gad gara abbaaya’aa oriitee liqinfante. 34 Worri booyyee tissanu yennaa waan te’e kana dhaggane, baqatanee worra qacha’aatii fi biyya saniititti odeessane. 35 Kolbaan waan te’e san dhaggiisaaf, yennaa gara Yesuusii dhutte, namichi durriisi keessaa baye woyaa uffatee qalbiin itti deebitee, miila Yesuusii bira tee’eeruun dhaggite martinuu sodaatte.

Veja também