41 Achiin duuba namichi Yaayiroos jedhamu, bulchaan mana Waaqonfannaa Yihudoota tokko dhufee, miila Yesuusii jalatti jigee akka inni gara mana isaa dhaquuf kadhate. 42 Sababille intalti isaa takkattiin inni qabu, ta woggaa kudhanii lamaa, du’iisa geetteertiiyyu.
Adoo Yesuus dhaqiisaaf karaa irra jiruu, kolbaan gara maraan isa dhiphitte.