27 Ani dhugumaan isinitti hima, namoota as dhaabbataneeranu kana keessaa adoo hin du’in, Mootummaa Waaqaa ka dhagganu hin jiran» jedhe.
Jijjiiramiisa Bifa Yesuusii
28 Yesuus waan kana dubbatee, gara guyyaa saddeetiitiin duuba Pheexroos, Yohaannisii fi Yaaqoob fudhatee daadimatiisaaf gara gaaraa ol baye. 29 Adoo inni daadimatiisatti jiruu bifi fuula isaa jijjiiramee woyaan isaalle adii calalaxxu teete. 30 Dedhuma namooti lamaan Muuse’ee fi Eliyaas isa woliin dubbatiisatti jiranuun dhaggane. 31 Isaan ulfinna ol-gubba’aatiin mudhatanee marroo waan Yesuus du’iisaan Yerusaalemitti muummessu’uu jiruu dubbatiisatti jiraniiyyu.