Adabama, Cubbuu Irraa Deebi’iisaa Fi Addii
1 Ani nama ulee mufii Waaqaatiin,
adabamee rakkinna dhagge.
2 Inni addee ifi hin jirre,
dukkanatti na ari’e.
3 Inni dhugumaan guyyaa mara deddeebi’ee,
harka ifiitiin na adabe.
4 Inni foonii fi gogaa kiyya dulloonsee,
lafee tiyyalle caccasse.
5 Inni na marsee,
rakkinna hadhowa’aa fi laaleffata keessa na galche.
6 Inni akka worra dur du’ee awwaalamee,
dukkana keessa akka le’u na tolche.
7 Akka ani hin baaneef,
dalleya marsee natti ijaaree,
wodaroo sibiilaa ulfaattu’uun na hidhe.
8 Qarqaarsaaf itti iyyadhulle,
na caqasuu dide.
9 Karaa kiyya dhaka’aan duuchee,
daandii tiyyalle daddasse.