22 Jaalalli Waaqaa ka bara baraa waan te’eef,
marartii isaa ta dhuma hin qanne irraa ta kaate
nuuti badiisa dhanne.
23 Jaalallii fi marartiin isaa barii mara haareya;
addatamummaan isaa guddo’o.
24 Ani ifiin, «Waaqi qooda kiyya;
tanaaf isatti addadha» jedhe.