6 « ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; eennulle dubartii fira ifii bira geyiisaaf woliin hin rafin. 7 Ati haadha teeti woliin rattee bira geettee abbaa keeti hin salphisin; isiin haadha teeti waan teeteef isii bira hin geyin. 8 Niitii abbaa keetii bira geyiisaan abbaa keeti hin salphisin. 9 Obboleettii teeti bira geyiisaaf woliin hin rafin; intala abbaan keeti dubartii dhibii irraa uumate yookiin haati teeti nama dhibi’ii deette bira geyiisaaf woliin hin rafin. 10 Ati akka hin salphanneef, intala ilma keetii yookiin intala intala teetii bira hin geyin. 11 Obboleettii teeti waan teeteef, intala abbaa keetii ta masaanuu haadha teetii bira hin geyin. 12 Fira abbaa keetii waan teeteef, adaadaa teeti bira hin geyin. 13 Fira haadha teetii waan teeteef, obboleettii haadha18:13 Obboleettii haadhaa: Lafa tokko tokkotti lankaamaa jedhan. teetii bira hin geyin. 14 Haadiqqoo teeti waan teeteef, niitii obboleessa abbaa keetii bira hin geyin. 15 Niitii ilma keetii waan teeteef, niitii ilma keetii bira hin geyin. 16 Wosoo teeti waan teeteef niitii obboleessa keetii bira hin geyin. 17 Ati dubartii takka bira yoo geette, fira isi’ii waan te’aneef, intala isi’ii yookiin intala ilma isi’ii yookiin intala intala isi’ii bira hin geyin; tun waan hantu’u. 18 Haga niitiin teeti lubbu’uun jirtu obboleettii isi’ii fuutee masaanuu isi’ii hin tolchin; isii biralle hin geyin.
19 « ‹Dubartii xuriin dhuttee battootteertu bira hin geyin. 20 Niitii nama dhibi’ii bira geettee ifi hin batteessin. 21 Ani Mootii Waan Maraa ti; ijoollee teeti keessaa tokkolle waaqa dharaa Moleekiif, ciincaa tolchiisaaf dabarsitee kennitee, maqaa Waaqa keetii hin batteessin. 22 Waan battii waan te’eef, akka dubartii bira geettu dhiira bira hin geyin.
23 « ‹Waan battii waan te’eef, bineensaa fi horii bira geettee ifi hin batteessin; dubartiille horii bira hin geyin.