Yesuus Namicha Tokko Fayyise
40 Namichi dhukkuba goga’aa farrisiisa’aan qabameeru tokko gara Yesuusii dhufee, miilatti jigee, «Yoo fedha keeti te’e na fayyisuu1:40Fayyisuu: Qulleessuu hin dandeetta» jedhee isa gaafate.
41 Yesuus isaaf gaddee harka diriirfatee isa qabee, «Hin fedha, fayyi!» isaan jedhe.
42 Yennuma san dhukkubi goga’aa farrisiisaan namicha lakkisee, namichi fayye.