Yesuus Ulfinna Gudda’aan Yerusaalem Seene
1 Isaan akkuma Yerusaalemitti dhikaataneen, Betfaage’ee fi Bitaaniya’atti, gaara Ejersaa bira geyane. Yesuus barattoota ifii keessaa nama lamaaniin, 2 «Gara ollaa isiniin dura jiruu dhaqa’a; akkuma achi geettaneen ilmayyoo harre’ee mandiida11:2Mandiida: Ijjumaa ka irra tee’anee hin beenne hidhameeruun hin dhaggitan; hiika’aatii as fida’a. 3 Eennulle ‹Maaf hiittan?› jedhee yoo isin gaafate, ‹Gootta’atti barbaada; inni adoo hin turin hin deebisa› jedha’aan» jedhee erge.
4 Maarre isaan dhaqanee, ilmayyoo harre’ee balbala takka duratti, karaa qarqaratti hidhameeruun dhaggane. Adoo isaan hiikiisatti jiranuu, 5 worra achi dhaabbataneeranu keessaa namooti gariin, «Maaf ilmayyoo harre’ee hiittan?» jedhanee isaan gaafatane. 6 Barattootille waan Yesuus jedhe isaanitti himane; isaanille lakkisane. 7 Barattooti ilmayyoo harre’ee gara Yesuusii fidanee, woyaa ifii harree irra buusane; innille irra tee’e. 8 Nami hedduun uffana ifii, worri dhibiin dameelee baalaa raaqaa caccassanee karaa irratti afane.
9 Worri dura ideemanuu fi worri duubaan hordofanu, «Hosaa’inaa!11:9Hosaa’inaa: Hosaa’inaa jedhuun fayyisi jechuu yennaa te’u, asitti ammoo Waaqi galatoomu yookiin hashuu yaada jedhulle qaba maqaa Gootta’aatiin ka dhufu ka eebbifame! 10 Mootummaan abbaa keenna Daawitii ta dhuttu ta eebbifante! Ol-gubba’atti Hosaa’inaa!» qoonqoo guddo’oon jedhane.
11 Yesuus Yerusaalem geyee, Galma Waaqaa dhaqee, waan adaala sanii mara ilaale. Ammoo waan dhiiteertuuf barattoota ifii kudhanii lamaan wolii gara Bitaaniya’aa dhaqe.