Pular para o conteúdo
Publicidade

Marcos 3

Yesuus Namicha Harka Naafaa Fayyise

1 Achiin duuba Yesuus deebi’ee gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqe; namichi harki isaa naafateeru tokko achi jiraayyu. 2 Jarri Yesuus himachuu fedhanee, guyyaa Sanbataatiin akka inni isa fayyisu gaadanu tokkolle achi jiraniiyyu. 3 Yesuus namicha harka naafateeruun, «Ka’iitii nama dura dhaabbadhu!» jedhe. 4 Achiin duuba jaralle’een, «Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin dansaa moo hantuu tolchuu, yookiin lubbuu fayyisuu moo ijjeesuu nu ajaja?» jedhe. Isaan ammoo cadhisane. 5 Yesuus worra cinaa isaa marseeru ila aari’iitiin ilaale; ammoo mataa jabeenna isaaniitiifille gadde. Achiin duuba namichaan, «Harka keeti diriirfadhu!» jedhe. Yennaa namichi harka ifii diriirfate, harkille deebi’ee fayye.

Veja também