9 Yesuus itti aansee, «Aadaa teessan hordofiisaaf jettanee ajaja Waaqaa didu’uuf mala dansaa qaddan. 10 Muuseen, ‹Haadhaa fi abbaa keeti ulfeessi!›, ‹Abbaa ifiitii fi haadha ifii ka abaaru ijjeefamuu ti› jedhee ajajeera. 11 Isin ammoo nami abba’aa fi haadha ifii gargaaru’uuf male tokko, isaaniin, wonni silaa isiniif kennu, ‹Qurbaana te’eera› akkas jechuun Waaqaaf kennameera yoo jedhe, 12 duuba inni deebi’ee abbaa ifiitii fi haadha ifiitiif waan tokkolle akka godhuuf hin eeyyantanu. 13 Aadaa teessan ta wol wolitti daddabarsitane hordofu’uuf jecha Waaqaa lakkittane. Isin waan hedduulle ta tana fakkaattu tolchitan» isaaniin jedhe.
Publicidade