Pular para o conteúdo
Publicidade

Marcos 8

Yesuus Beetisayida’atti Nama Ballaa Tokko Fayyise

22 Yesuusii fi barattooti isaa gara Betsayida’aa dhufane. Jarri takka achitti namicha ballaa tokko gara Yesuusii fiddee, akka inni namicha harkaan tuquuf kadhatte. 23 Yesuus namicha ballaa san harkaan qabee, ollaa keessaa diidatti baasee, ila namichaatitti tufee, harka ifii irra keyee, «Wo dhaggitaa?» jedhee gaafate. 24 Namichi midhatee ilaalee, «Ee, namoota dhaggaara; ammoo akka muka ideemuu natti fakkaatan» jedhe.

25 Yesuus ammalle harka ifii ila namichaa irra keye. Yennaa tana namichi hubatee ilaale. Ilti isaa fayyitee waan maraa miidhassee dhagge. 26 Kanaan duuba Yesuus, «Olla’atti hin deebi’in» jedhee namicha gara mana isaa galche.

Veja também