17 Gumii san keessaa namichi tokko deebisee, «Barsiisa’a! Mucaan kiyya durriisa afaan duuchuun qabameeruun gara keeti fideera. 18 Yennaa durriisi itti ka’u mara lafatti isa dhowa; afaan hoomacheessa, ilkaan qarsiisa, nafi isaalle sooree goga. Ani akka barattooti teeti durriisa kana baasanuuf gaafannaan, isaan ammoo hin dandeenne» jedhe. 19 Yesuus deebisee, «E! Isin dhaloota hin dhugeeffanne! Haga yoomii isin bira jiraadha? Haga yoomii isin ossadha? Mucaa gara kiyya fida’a!» isaaniin jedhe. 20 Isaanille mucaa san gara Yesuusii fidane. Durriisi akkuma Yesuus dhaggeen, mucaa gajassiisee, lafatti dhowee, gangalachiisee, hoomacha afaanii yaasisiise. 21 Yesuus, «Haga yoomiitii as akkana te’a?» jedhee abbaa muca’aa gaafate. Abbaan muca’aa deebisee, «Ijoolluma’aan jalqabee ti. 22 Yennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessa buusaa isa ijjeesiisaaf wodhaaneera. Ati ammoo yoo dandeette, maganne’ee nu’uuf nayiitii nu gargaar» jedhe.
23 Yesuus, «Maaf ‹Yoo dandeette› jetta? Nama dhugeeffannaa qabuuf wonni marti hin dande’anti» jedhee deebise.
24 Yennuma san abbaan muca’aa, «Ani dhugeeffannaa hin qaba. Ammoo ta caalte akka qabaadhuuf na gargaar!» jedheen. 25 Yesuus gumiin ariifattee itti dachaatuun yennaa dhagge, ayyaana hama’aan, «Ati ayyaana afaanii fi gurra duuda’aa! Ani si ajajaa isa keessaa bayi; deebiteelle itti hin deebi’in» jedhee isa xixe.
26 Ayyaanni mucaa iyyisiisee, gajassiisee keessaa baye. Mucaan akka reeffaa teenaan, namooti hedduun, «Du’eera» jedhane. 27 Yesuus ammoo mucaa harka qabee lafaa ol kaase; innille ol ka’ee dhaabbate.