20 Adoo inni tana yaadiisatti jiruu, ergamaan Waaqaa oojju’uun isatti mudhatee, «Yoseefii sanyii Daawitii! Maariyaamiin ati kadhatteertu, Ayyaana Woyyichaan waan ulfootteertuuf, akka niitii teeti teetu gara mana keetii fudhatiisaaf hin sodaatin. 21 Isiin ilma hin deetti; inni waan kolbaa ifii cubbuu irraa fayyisuuf, maqaa isaa, ‹Yesuus› jettaan» jedheen.
Publicidade
Publicidade