Pular para o conteúdo
Publicidade

Wongeela Maatewoosii 1

20 Adoo inni tana yaadiisatti jiruu, ergamaan Waaqaa oojju’uun isatti mudhatee, «Yoseefii sanyii Daawitii! Maariyaamiin ati kadhatteertu, Ayyaana Woyyichaan waan ulfootteertuuf, akka niitii teeti teetu gara mana keetii fudhatiisaaf hin sodaatin. 21 Isiin ilma hin deetti; inni waan kolbaa ifii cubbuu irraa fayyisuuf, maqaa isaa, Yesuusjettaan» jedheen.

22 Kun martinuu wonni Goottaan karaa raagichaatiin dubbateeru akka muummottuuf teete. 23 Wonni dubbatameerulle, «Durri duudduun hin ulfootti; ilmalle hin deetti; maqaa isaalle, Amaanu’eljedhamee waamama;» «Amaanu’el» jechuun, «Waaqi nu woliin jira» jechu’u.

24 Maarre Yoseef yennaa dammaqe, akkuma ergamaan Gootta’aa itti hime, Maariyaamii kadhateeru akka niiti’iititti gara mana ifii fudhate. 25 Te’uu malee haga isiin ilma deettutti akka niiti’iititti isii bira hin geenne. Yoseef maqaa isaa Yesuus jedheen.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também