Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 13

Mammaassa Jigida’aa

24 Yesuus mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, «Mootummaan ol-gubbaaa nama fichaa ifii keessatti sanyii dansaa facaase tokkoon wol fakkaatti. 25 Yennaa nami marti rafe ammoo, diinni dhufee odduu qamadi’iititti jigidaa facaasee deeme. 26 Yennaa qamadiin lattee midhaan buutte, jigidaalle mudhate. 27 Tajaajiltooti abbaa ficha’aalle dhufanee, Gootta’a, fichaa keeti keessatti sanyii dansaa hin facaannee? Jigidaan kun eessaa dhufe ree?jedhaneen. 28 Inni deebisee, Kana ka godhe diinajedhe. Tajaajiltooti deebisanee, Nuuti dhandhee akka bubuqqinnu barbaaddaa ree?jedhaneen. 29 Inni ammoo deebisee, Waawwo’o; jigidaa buqqisiisa irratti qamadii woliin buqqittan. 30 Haga yennaa haamma’aatitti jigida’aa fi qamadiille wolumaan guddatanuu ti; yennaa haamma’aa, ani worra haamuun, akka gubamuuf dursa’aatii jigidaa buqqisa’aa laddee ladde’een hidha’a, qamadii ammoo gootaraa kiyyatti galcha’ajedhaan» jedhe.

Veja também