15 Yennaa latti galgalootte, barattooti dhufanee, «Addeen tun urma, lattille dhiiteerti; gumiin tun gara ollootaa dhaxxee sagalee akka bitattu gumii tana gad lakkisi!» jedhaneen. 16 Yesuus ammoo, «Dhaquu isaan hin barbaachisu; isinuu waan nyaatanu kenna’aaf!» jedhe. 17 Isaan deebisanee, «Nuuti xaltaa shanii fi qurxummii lama qofa asii qanna» jedhane. 18 Yesuus, «Sanuma gara kiyya as fida’a!» jedhe. 19 Achiin duuba inni gumiin marra irra akka teettu ajaje. Xaltaa shanii fi qurxumii lama fuudhee, gara ol-gubba’aa ilaalee, galateeffatee xaltaa caccassee, barattootatti kennee, barattootille gumi’iif kennane. 20 Isaan martinuu nyaatanee quufane; hambaa irraa hatte, kollonjoo kudhanii lama guutuu fuudhane. 21 Worri nyaate dubarti’ii fi ijoolleen adoo hin laakkowamin, dhiirti gara kuma shanii ti.