Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 17

Jijjiiramiisa Bifa Yesuusii

1 Guyyaa jaan duuba, Yesuus Pheexroosii fi Yaaqoob, Yohaannisii obboleessa Yaaqoobille fudhatee, gara gaara dheeraa tokkoo qofitti ol isaan baase.17:1-5 2 Phex. 1:17-18 2 Innille isaan duratti bifa jijjiiramee, fuulli isaalle akka adu’uu ifee, woyaan isaalle adii calalaxxuu teete. 3 Dedhuma Muuse’ee fi Eliyaas Yesuus woliin dubbatanuun dhaggane. 4 Achiin duuba Pheexroos Yesuusiin, «Gootta’a, asitti dhaggamuun keenna nu’uuf dansa’a! Yoo fedhii keeti te’e, gosee sadiin, takkattii si’iif, takkattii Muuse’eef, takkattii Eliyaasiif ijaarraa» jedhe. 5 Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu, dedhuma duumensi ifaalessi isaan golle; duumensa san keessalle’ee qoonqoon takka, «Kun Ilma kiyya ka ani jaaladhu, isa dhage’aa!» jette.

Veja também