Nama Yakkeef Maan Godhuu Akka Barbaachisu
15 «Obboleessi keeti yoo si yakke, dhaqii lafa isin lamaan qofi jirtanutti yakkaa isaa itti himi. Inni yoo si dhage’e, ati deebittee obboleessa keeti isa godhatta. 16 Inni yoo si hin dhage’in ammoo, dubbiin marti dhugaa baya nama lamaatiin yookiin sadiitiin waan mirkanoottuuf, nama dhibii tokko yookiin lama fudhadhuu dhaqi. 17 Inni yoo isaan dhage’uu dide, wolde’a kiristaanaatitti himi; wolde’a kiristaanaalle yoo dhage’uu dide, akka worra Yihudoota hin te’iniitii fi guurtuu qaraxaatitti laakkow.