Rakkinnaa Fi Miidhaa Dhufa Gootta’aatiin Duratti Te’u
3 Yesuus gaara ejersaa gubbaa tee’iisatti jiruun, barattooti isaa qofuu gara isaa dhufanee, «Nutti himi, kun yoom te’a, dhufa teetii fi dhuma biyyaa lafaatiif beessisi maan?» jedhane.
4 Yesuus deebisee, «Eennulle akka isin hin dokonkorsine ifi eeggadha’a! 5 Worri hedduun, ‹Ani Masiihii› jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan. Worra hedduulle hin dokonkorsan. 6 Woraanaa fi oduu woraanaa hin dhageettan; akka hin rifanne ilaalladha’a; wonni akkasii kun te’uu qaban, ammoo ammalle muummeen hin geenne.