Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 25

Mammaassa Durroota Kudhanii

1 Yesuus itti aansee, «Yennaa san mootummaan ol-gubbaaa durroota kudhan ta issaa ifii qabatanee waajibicha fudhatiisaaf bayane fakkaatti. 2 Durroota san keessaa shanan gowwoole’e, shanan qaroole’e. 3 Worri gowwooleen issaa ifii qabatane malee zayitii issa’atti naqatanu hin qabanne. 4 Worri qarooleen ammoo issaa ifii woliin zayitii okkote’etti qabatane. 5 Waajibichi adoo hin dhufin turraan, marti isaaniituu muganee rafane.

6 «Halkan wodhakkaa ammoo qoonqoo guddo’oon, Waajibichi Kunoo ti! Isa fudhatiisaaf baya’a!waamichi jedhu dhage’ame. 7 Yennaa san durrooti sun marti dammaxxee issaa ifii mimmidhaaffatte. 8 Durri gowwooleen sun worra qaroole’een, Issaan keenna waan dhaamaaruuf, zayitii teessan irraa diqqoo nuu kenna’ajedhaneen. 9 Durri qarooleen deebisanee, Waawwo’o! Nu’uu fi isiniif ta geettu hin jirtu. Worra gurguru bira dhaqa’aatii bitadha’ajedhaneen. 10 Adoo isaan bitatiisaaf dhaqaneeranuu, waajibichi dhufe; durri qophootteertu sun isa woliin gara mana jila fuudhaa fi heerumaa san ol seenanee, balbalti cufante.

11 «Durrooti worri hafanelle turanee dhufanee, Gootta’a, Gootta’a! Nuu bani!jedhaneen. 12 Inni ammoo deebisee, Ani dhugumaan isinitti hima, ani isin hin beekujedheen. 13 Tanaaf, guyyaa san yookiin saatii waan hin beenneef dammaqa’aa eegadha’a!» jedhe.

Veja também