Publicidade

Mateus 25

35 sababille ani beelowee na nyaachittaneertan; dheebodhee na obaattaneertan; keessummaa te’ee na fudhattaneertan; 36 daaree na uffittaneertan; dhibamee na gaafattaneertan; hidhameelle na gaafattaneertanjedhe. 37 Yennaa san balchooleen, Gootta’a, nuuti yoom beelotteertuun dhagginee si nyaachinne? Yookiin dheebuu teeti dhagginee yoom si obaanne?

38 « Nuuti keessummaa teeteertuun dhagginee yoom si fudhanne, yookiin daarteertuun dhagginee yoom sitti uffinne? 39 Nuuti yoom dhibanteertuun yookiin hidhanteertuun dhagginee si gaafanne?jedhaneen. 40 Mootichi deebisee, Ani dhugumaan isinitti hima, obboleeyyan tiyya worra mara caalaa didiqqa’aa kana keessaa tokkoof ka gootane, naaf gootane!isaaniin jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-