38 Achiin duuba inni, isaaniin, «Ani qixxee du’aatitti, guddoo gadde; isin as tura’aa, na woliin dammaqa’aa tee’a’a!» jedheen.
39 Haga diqqaa irraa hiiqee, lafatti jigee, «Abbaa kiyya, yoo dande’ame, muduunuun rakkinnaa tun narra dabartuuti; te’uu male akka fedha keetii malee, akka fedha kiyyaa hin te’in» jedhe.