Gammada Dhuga’aa
3 «Worri le’ii Ayyaanaatiin hiyyeeyyii akka te’ane itti dhage’antu gammaduu;
mootummaan Waaqaa ta isaanii ti!
4 Worri gadde gammaduu;
Waaqi isaan hin jajjabeessa!
5 Worri ifi gad qabu gammaduu;
isaan lafa hin dhaalan5:5Hin dhaalan: Addii Waaqi kenne hin fudhatan!
6 Worri balchummaa beelotuu fi dheebotu gammaduu;
Waaqi isaan hin quussa.
7 Worri namaaf mararfatu gammaduu;
Waaqi isaaniif hin mararfata!
8 Worri gadhaa qullu’uu gammaduu;
isaan Waaqa hin dhaggan!
9 Worri nageya buusu gammaduu;
isaan ijoollee Waaqaa hin jedhaman!
10 Worri balchumma’aaf miidhamu gammaduu;
mootummaan Waaqaa ta isaanii ti!5:10 1 Phex. 3:14
11 «Sababa kiyyaaf jettee yennaa kolbaan isin arrassitee, isin miitee, dharaan gurra isin balleessite gammmada’a. 12 Isaan raagota worra isiniin duraatuu akkasuma miidhane. Gatiin teessan ol-gubba’atti guddoo waan teeteef, gammada’aatii ilillisa’a» isaaniin jedhe.