25 «Tanaaf ani isinitti hima, jiruu teessaniif maan nyaanna, yookiin maan unna, yookiin marroo nafa keessanii, maan uffanna jettanee hin yaadina’a. Jiruun sagalee, nafi woyaa hin caaluu? 26 Sinbirroota ilaala’a; isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee gootara’atti hin galchanu; Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota hin caaltanuu ree?