2 Namichi dhukkuba goga’aa farrisiisa’aan qabameeru tokkolle gara isaa dhufee, isa duratti jilbiiffatee, «Gootta’a, yoo fedha keeti te’e na fayyisuu dandeetta» jedhe. 3 Yesuus harka ifii diriirsee isa qabee, «Hin fedha, fayyi!» jedheen; yennuma san namichi dhukkuba ifii irraa fayye. 4 Achiin duuba Yesuus, «Beekkadhu! Waan kana nama tokkolle’etti hin himin; ammoo dhaqiitii, hayyichatti ifi mudhisi; fayyuun keeti nama maraaf akka dhugaa baya te’u, fayyuu keetiif qodha Muuseen ajaje dhikeessi!» isaan jedhe.