17 Achiin duuba ani isaaniin, «Rakkinna nuuti keessa jirru isin hin dhaggitan; Yerusaalem jiddeerti; karri isi’iille gubatteerti; tanaaf haganaa achi akka hin salphanneef, kowa’a dalleya Yerusaalemii deebinnee ijaarra» jedhe. 18 Anille Waaqi attam akka na woliin jiraatee na qarqaaree fi jecha mootichi naan jedhelle isaanitti hime. Achiin duuba isaan, «Deebinnee ijaariisa jalqannuu ti!» jedhane. Maarre isaan hujii dansaa tana jalqabiisaaf qophowane.
Publicidade