Arjummaa Nahimiya’aa
14 Artashaastaan woggaa diddameessoo isaatitti mootii te’ee, haga woggaa soddomii lammeessoo isaatitti, ani biyya Yihuda’aa bulchiisaaf filamee woggaa kudha lama bulche keessatti, anii fi worri kiyya sagalee bulchaa tokkoof malte hin nyaanne. 15 Bulchitooti anaan dura biyya bulchaa turane, ba’aa ulfaattuu kolba’atti fe’anee, sagale’ee fi daadhii woyni’ii irratti dabalanee, meetii sheeqelii afurtama fudhataa turane. Tajaajiltooti isaaniituu kolbaa irratti goottomanee turane. Ani ammoo Waaqa waan sodaadhuuf, akkas hin goone. 16 Ani hujii dalleya kanaatiif ifi kenne malee, lafalle hin bitanne; tajaajiltooti tiyya ta huji’iif wolitti qabantelle akkasuma tolchite. 17 Gosa biyya adda addaa worra adaala keennaa gara keenna dhufane irratti dabalamanee, Yihudootaa fi qondaaltoti namoota dhibbaa fi shantamatti qorii tiyyatti nyaataa ture. 18 Guyyuma guyya’atti sangaa tokkoo fi hoolota cocooma jaa, lukkuu hedduu, guyyaa kudhan kudhanitti daadhii woyni’ii ta gosa adda addaatitti5:18 Daadhii woyni’ii ta gosa adda addaa: jechuun tun daadhii woyni’ii o’ituu yookiin ta turte daadhii godduu akka qopheessane ilaalaa. qophowaayyu. Te’uu malee, ba’aan ulfaattuun kolbaa irra waan jirtuuf, sagalee bulchaa tokkoof malte ani hin gaafanne. 19 Ee Waaqa kiyya, waan ani kolbaa tanaaf godhe mara qaabadhuutii, naaf arjoom.