31 Namooti Kaaleb woliin dhaqane ammoo, «Isaan nu caalaa worra jajjaba waan te’aneef, nuuti isaan loliisaaf hin dandeennu» jedhane. 32 Maarre isaan marroo lafa dhaqanee dooyanee oduu gadhee odeessanee, «Latti nuuti dhandhee dooyanne sun, lafa worra isii keessa le’iisaaf dhaqu fixxu; kolbaan nuuti achitti dhaggine martinuu dhedheertu’u. 33 Nuuti achitti namoota hojja’aa fi hunnaan nama caalanu sanyii Aanaaqotaa Nefiliim dhaggineerra; nuuti yennaa ifi ilaallu korophiisa ifitti fakkaanne; isaanille’etti akkasuma fakkaanne» jedhane.
Publicidade
Kitaaba Seera Laakkossaa 13
Estes versículos te tocaram? Ore agora!
+581 estão orando agora.
Junte-se à corrente de oração.