Pular para o conteúdo
Publicidade

Hose'aa Raagichaa 14

Eebba Dhaggatiisaaf Cubbuu Irraa Deebi’iisa

1 Ee kolbaa Israa’elii, cubbuun teessan waan isin gufachiitteef, gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii deebi’aa. 2 Jechoota kana isaan jedhiisaaf, fudhadha’aatii gara Mootii Waan Maraa deebi’aa’a: «Cubbuu teenna mara nuu araaram! Galata dansaa afaan keennaa akka dhikeessinu, mararti’iin nu fudhadhu. 3 Asoor nu baasuu hin dande’u; fardoo lolaa irra hin teennu; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne si’iin marartii waan dhaggattuuf, nuuti ijjumaa deebinee waan harki keenna hujeen, Waaqota keennahin jennu» jedha’aan.

Mootiin Waan Maraa Jiruu Haareya Israa’eliif Kenniisaaf Waadaa Gale

4 Mootiin Waan Maraa,

«Ani dhukkuba na irraa isaan fageessu irraa

isaan hin fayyisa;

aariin tiyya isaan irraa waan deebiteef,

ani akkasumaan isaan hin jaaladha.

5 Ani Israa’eliif

akka tiifu’uu hin te’a.

Isaan akka daraara’aa hin baqan;

akka hindheensa Libaanonii hidda gad hin naqatan.

6 Isaan quunxoo haareya hin baasan.

Akka muka ejersaa hin miidhagan;

fooleen isaanii akka hindheensa Libaanonii hin teeti.

7 Isaan deebi’anee gaaddisa kiyya jala hin boqatan.

Akka midhaanii hin latan;

akka muka woyni’ii hin daraaran;

akka daadhii woynii biyya Libaanonii gurra hin horatan.

8 Ee kolbaan Efreemii,

waaqota dharaa biraa

ani maan qaba ree?

Ka deebii isiniif kennu,

ka isin kunuunsu ana.

Ani akka muka yennaa mara bisiluu ti;

eebbifam keessan na biraa dhufa» jedha.

9 Nami qaroon waan kana hin hubata;

nami woy hubatu waan kana hin qalbeeffata;

karaan Mootii Waan Maraa qajeela’a;

balchooleen irra ideeman;

finqiltooti ammoo keessatti gufatan.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também