Hose’aan Niitii Ifii Woliin Araarame
1 Ammalle Mootiin Waan Maraa anaan, «Kolbaan Israa’elii gara waaqota dhibi’ii deebitulle, midhaan woyni’ii gogaa ka waaqota dhibi’iif adda baye jaalattulle, akkuma ani Mootiin Waan Maraa isaan jaaladhu, atille dhaqiitii, ammalle niitii teeti gaarayyeeffattuu san jaaladhu» jedhe. 2 Maarre ani meetii kudhanii shanii fi garbuu kiiloogiraama dhibba tokkoo fi shantamaatiin isii bitadhe. 3 Achiin duuba ani, «Adoo hin sagaagalin yookiin hin gaarayyeeffatin, yennaa hedduu na woliin le’i; anille akkasuma si woliin hin le’a» isi’iin jedhe.